Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Gaazaatti nagaa buusuuf dhukaasni akka dhaabbatuufi ugguramtootnis akka gadhiifaman wixinee baasan Israa’el raggaasisuuishee beeksisteetti.
Muummichi Ministiraa Israa’el wixinee kana simachuu isaanii kan beeksisan yoo ta’u, carraaqqii nagaa fiduuf taasisaniif Tiraampiin galateeffataniiru. Haaluma kanaan, loltootni Israa’el Gaazaa keessa ba’uu eegalaniiru.
Ugguramtootni muraasni marsaa jalqabaan kan gadhiifaman yoo ta’u, wiixata ykn kibxata dhufu adeemsi hidhattoota wal jijjiiruus akka adeemsifamu eerameera.
Dhukaasni kan dhaabbatu ammoo akkuma Kaabineen Israa’el wixinee kana raggaasiseen ta’uu ibsamu malee namootniijaan argine jedhan Israa’el ammallee haleellaa qilleensarraa akkan dhaabne sabaa himaalee addunyaatti himaniiru.

Akkaataa waliigaltee Israa’eliifi Hamaasitti, humni waraanaa Israa’el gariin sa’aatii 24 keessatti Gaazaa gadhiisanii bahuu qabu jedhameera.
Gama biraan, Hamaas ammoo ugguramtoota Israa’el hunda sa’aatii 72 jechuunis guyyoota 3 keessatti gadhi dhiisuu akka qabu ibsameera.
Israa’el hidhamtoota Paalastaayin dhibaan lakkaa’aman guyyaa tokko jidduutti akka gadhiistus waliigaltee isaanii irra jira.
Yoo waadaa isaanii kabajanii raawwatan, konkolaataawwan gargaarsa fe’an hedduun uummata Gaazaa Miliyoona lama ta’an bira akka qaqqabaman himamus, lammiileen kuma dhibbaan lakkaa’aman godaananii jiru.
Loltoonni Ameerikaa 200 ta’an gara Israa’elitti imaluun, waliigalteen naga kun akka fiixaan ba’u akka gargaaran yoo ibsamu, daangaa Gaazaa seenuun garuu hin eyyemamuuf jedhameera.
Anga’ootni addunyaa waliigaltee nagaa kana simatanis, xiinxaltootni garuu egeree Gaazaa ilaalchisee ammallee yaaddoo qaban ibsaa akka jiran Al-Jazeeraa fi BBC’n gabaasaniiru.