AMN PLUS Gurraandhala 25,2017
Isteedeemiin Idil addunyaa Bahaar Daar bara kana ijaarsi isaa xumuramuun tajaajila kennuu kan eegalu ta’uu Ministeera Mummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Isteedeemicha daawwachuu kan himan Ministeera Mummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa,sadarkaa ijaarsaa boqonnaa xumuramaa irra gahe jedhan.

Deeggartoota 50,000 kan keessummeessuu Isteedeemichi,ijaarsa hafe goolabsiisuuf, mootummoonni naannolee biyyattii irratti hirmaachaa jiru.
Ijaarsi Isteedeemichaa bu’uuraalee misoomaa hundaan sadarkaa CAF fi FIFA eeggatee kan ijaarame ta’uu Obbo Tamasgeen Xurunaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisani.
Baatii Adoolessaa darbe yemmuu dhufnetti ijaarsi Isteedeemichaa sadarkaa turerraa daran jijjiirameera kan jedhan Obbo Tamasgeen Xurunaa,Suphaan teessoowwanii,dhaabbiin margaa fi hojiin keessoo Isteedeemichaa saffisaan ijaaramaa jiraachuu argineerra jechuun himani.
Biyyi keenya dorgommiiwwan Ardilee fi Idil addunyaa akka keessummeessituuf Isteedeemichi carraa guddaa kan uumadha jedhaniiru.
Xumura waggaa kanaatti ijaarsi Isteedeemichaa guutummaan guututti raawwatee taphoota keessummeessuu akka eegalu mari’anneerras jedhan.
Dachaasaa Dhaabatu gabaase