Itiyoo Elektiriikiin garee Machaal injifachuun bara dorgommii isaa eegale

You are currently viewing Itiyoo Elektiriikiin garee Machaal injifachuun bara dorgommii isaa eegale

‎AMN PLUS – Hagayya 27/2017

‎Dorgommiin Pirimiyer Liigii Dubartootaa tapha torban jalqabaaf isa dhumaa ta’een gareen Itiyoo Elektiriikii, gita isaa Machaal wajjin tapha adeemsiseen xumuramee jira.

‎Kilaba ishee duraanii Itiyoo Elektiriikii wajjin kan morkatte Instraaktar Masarat Maannee, galchii 3 fi 0 taheen injifatamuuf dirqamtee jirti.

‎Ermiyaas Dubbaalan kan durfamu Itiyoo Elektiriikiidhaaf galchii lama lakkoofsisuun akka injifatu kan taaaiste Daagmaawwit Solomon yoo taatu, galchii tokko ammoo Maahileet Mitikkuutu lakkoofsise.

‎Dorgommiin Primiyer Liigichaa torban 2’ffaan Kamisa dhufuu eegalee adeemsifama.

‎Malkaamuu Abbabaatiin,

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply