Itiyoo-telekoom dhaabbilee tola-ooltummaafi daa’imman maatii harka-qalleeyyiif bara haaraa sababeeffachuun deggarsa kenneera.
Deggersa kanaaf birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 45 baasii taasisuu beeksiseera.
Hoji raawwachiistuu Olaantuun dhaabbatichaa Fireehiwot Taammiruu Waldaa Tola-ooltummaa Mudaayitti argamuun deggersa kana gumaachaniiru.

Jalqabbii bara haaraa 2018 ilaalchisuun dhaabbilee tola ooltummaa 39 guutuu biyyaatti argamaniif deggersa birrii miiliyoona 47fi kuma 800’tti tilmaamamu namoota kuma 13 oliif gumaachuu beeksisan.
Hojii tola-ooltummaarratti waggaa guutuu hirmaachaa kan jiru dhaabbatichi, daa’imman maatii harka-qalleeyyii kuma 80 oliif meeshaalee barnootaa birrii miiliyoona 98 oliin bitaman dhiyeessuus himaniiru.
Dhaabbatichi saganticharratti Waldaa Tola-Ooltummaa Mudaayiif deggarsa birrii miiliyoona 2 fi kuma 600 olii kenneera.
Bulchaa Nagaraatu gabaase