Itoophiyaa fi Armeeniyaan tumsa isaanii seena qabeessa damee garagaraan qaban cimsanii kan itti fufan ta’uu Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ibsan.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen Ministira Muummee Itti aanaa Armeeniyaa Vahaan Kostaaniyaan Waajjirasaaniitti simatanii haasofsiisaniiru.
Ministirri Muummee Itti aanaan Armeeniyaa ergaa Pirezidaantii Rippaabiliikii Armeeniyaa Vahagni Kachaturiyaan irraa ergame Pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen gahaniiru.
Itoophiyaa fi Armeeniyaan hariiroo cimaa fi seena qabeessaa akka qaban Pirezidaant Taayyeen kaasanii, tumsa biyyoota lamaanii cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Itoophiyaan riifoormii hundagalessa taasisaa jirti kan jedhan Pirezidaantichi, dureeyyiin Armeeniyaa Itoophiyaatti Invasti akka godhan waamicha taasisaniiru.
Biyyoonni lamaan hariiroo dameelee dinagdeen, aadaa fi barnootaan qaban guddisuuf mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Itti aanaa Vahan Kostaniiyaan gamasaaniin, Armeeniyaan hariiroo gamlamee damee garagaraan qabdu sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kutannoon akka hojjettu mirkaneessuusaanii TOI’tu gabaase.