Itoophiyaa fi Tarkiministaan qormaatawwan ulaa galaanaa irratti uumaman waliin furuuf kan hojjetan ta’uu beeksisan

You are currently viewing Itoophiyaa fi Tarkiministaan qormaatawwan ulaa galaanaa irratti uumaman waliin furuuf kan hojjetan ta’uu beeksisan

‎AMN-PLUS Adoolessa 30/2017.

‎Itoophiyaa fi Tarkiministaan rakkoolee ulaa galaanaatiin uumaman waliin furuuf akkasumas qindoomanii daldala naannoo ulaa galaanaa cimsuuf waliigalteerra gahaniiru.

‎Yaa’iin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Sadaffaa Biyyoota Guddinarraa Jiranii Kanneen Ulaa Galaanaa Hin Qabnee (UNLLDC3) mata duree “Tumsa Walta’iinsaan Jijjiirama Fiduu” jedhuun adeemsifamaa jira.

‎Konfiraansii kana cinatti Ministirri Geejjibaa fi Loojistikii Alamuu Simee (Dr.), Ministira Daldalaa fi Hariiroo Diinagdee Alaa Tarkiministaan Nazar Halnazarovich Agakhanov waliin marii taasisaniiru.

‎Biyyoonni lamaan rakkoolee ulaa galaanaa irratti kan mari’atan yoo ta’u, tajaajila geejjibaa saffisaa fi baasii xiqqaan guddina daldalaa fi dinagdee saffisiisan uumuuf hariiroo isaanii cimsuuf waliigalaniiru.

‎Itoophiyaa fi Turkmeenistaan walta’iinsa isaanii cimsuufi daldalaa haaraa hundeessuuf waliigaluu isaanii odeeffannoon Tajaajila Odoo Itoophiyaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply