Itoophiyaafi Keeniyaan tumsa damee loltummaan qaban cimsuuf waliigaltee mallatteessan.
Waliigalticha Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaafi Itaamaajoor Shuumiin Raayyaa Ittisaa Keeniyaa Jeneraal Chaarlis Muuriiyyuu Kaahaariiriin mallatteessaniiru.
Qaamoleen lameen Qajeelcha Waliigalaa Raayyaa Ittisaatti marii gam-lamee erga gaggeessaniin booda dameewwan waliin hojjechuu danda’anirratti tumsa loltummaa kan waliif mallatteessan.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan wayita kana, biyyoonni lameen hariiroo waggoota dheeraa qabaachuu yaadachiisanii, tumsi dameewwan loltummaan qaban cimee akka itti fufu ibsaniiru.
Keeniyaa waliin shaakala loltummaa waloo, indaastirii loltummaa, shororkeessummaarratti qabsaa’uu, nageenya daangaa fi dhimmoota loltummaa biroorratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
Itaamaajoor Shuumiin Raayyaa Ittisaa Keeniyaa Jeneraal Chaarlis Muuriiyyuu Kaahaariirii gamasaaniin, hariiroon Itoophiyaafi Keeniyaa seenaarra darbee hariiroo aadaa, uummattootaa fi ji’oogiraafii irratti kan hundaa’e ta’uu eeraniiru.
Waliigalteen biyyoonni lameen waliif mallatteessan biyyoottan lameenirra darbee nageenyaafi tasgabbii naannawichaa keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibsuun, Keeniyaan Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru. TOI gabaase