Itoophiyaan dhiibbaa jijjiirama Qilleensaa qolachuuf misooma annisaa haaromfamaa baballisaa jirti – Ministeera Bishaanii fi Inarjii

You are currently viewing Itoophiyaan dhiibbaa jijjiirama Qilleensaa qolachuuf misooma annisaa haaromfamaa baballisaa jirti – Ministeera Bishaanii fi Inarjii

‎AMN-PLUS Hagayya 6/2017

‎Itoophiyaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa qolachuuf misooma annisaa haaromfamaa babal’isuu irratti akka argamtu Deetaan ministira bishaanii fi inarjii Inj Sulxan Walii (PhD) ibsaniiru.

‎Ministeerichi Yaa’ii Jijjirama Qilleensaa Afriikaa dursuun agarsiisa gaggeessaa jira.

‎Agarsiisni kun adeemsa ce’umsa inarjii Itoophiyaaf akkasumas Afriikaaf dhiibbaa kaarbonii hir’isuun annisaa haaromfamaa ijaaruuf hojiiwwan hojjetamaa jiran agarsiisuurratti kan fuuleffatedha jedhameera.

‎Deetaan Ministira Bishaanii fi Inarjii Injinar Sulxaan Walii (PhD) saaqiinsa agarsiisichaa irratti Itoophiyaan dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa fidu qolachuu fi hir’isuuf sagantaa adda addaa baasuun hojiitti jijjiiraa jiraachuus ibsaniiru.

‎Akka fakkeenyaattis tarsiimoo diinagdee magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaaf hin jilbeenfanne wixineessuun sagantaa ashaaraa magariisaa hojii irra oolchaa jiraachuun ishee agarsiiftuudha jedhan.

‎Kunis Itoophiyaan dhiibbaa jjiiramni qilleensaa fidu hir’isuufi qolachuuf xiyyeeffannaa kennuu ishee akka mirkaneessu himuun kunis jabaatee kan itti fufi tahuu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply