Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa deebisuuf carraaqqiiwwan nagaafi dippiloomaasii wal irraa hin citne taasisaa jirti- Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

You are currently viewing Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa deebisuuf carraaqqiiwwan nagaafi dippiloomaasii wal irraa hin citne taasisaa jirti- Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

‎AMN PLUS- Fulbaana 26/2018

‎Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa deebisuuf carraaqqiiwwan nagaafi dippiloomaasii wal irraa hin cinne taasisaa akka jirtu Pirezidaantiin Mootummaa FDRI Taayyee Atsiqasillaasee beeksisan.

‎Itoophiyaan qabeenyashee daangaa cehaniin fayyadamummaa haqa qabeessa yoo argattu, sadarkaadhuma sanatti ulaa galaanaa argachuuf mirga ishee kabachiisuuf hojjechaa akka jirtu hubachiisaniiru.

‎Ulaa galaanaa amansiisaafi fulla’aa ta’e argachuuf gaaffii haqummaa kaasaa jirtu gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf irraa darbee fudhatamummaan hawaasa idil-addunyaa biratti biyyattiin qabdu dabalaa akka dhufellee yaadachiisaniiru.

‎”Mul’ataafi galma haala qabatamaa addunyaan keessa jirtuun dhiibbaa qaqqabuu malu dandamannee faayidaa biyyaalessaa keenya kabachiisneerra” jechuun itti dabalan, Pirezidaanti Taayyeen.

‎Sirni baniinsa bara hojiib5ffaa Mana Maree Federeeshinii fi mana maree bakka bu’oota Uummataa 6ffaa, bara hojii 5ffaa, bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PHD) argamanitti adeemsifameera.

‎Wayituma kana Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee raawwii hojii mootummaa bara darbeefi toora xiyyeeffannoo bara 2018 dhiyeessan irratti, shoorri Itoophiyaan hariiroo Alaa irratti qabdu taajjabdummaa irraa gara ajandaa kennuutti cehuu ibsaniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply