Gulaallii Waancaa Addunyaan taphoota ramaddii kan xumuraa lameen taphachuuf Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa Ruwaandaa magaalaa Kiigaaliitti argama.
Guyyaa har’aas tapha 9ffaa garee Giinii Bisa’oo waliin har’a sa’aatii 10:00 irratti Istaadiyeemii Amahoorootti taasisa.
Giinii Bisa’oon taphoota 8 keessaa qabxii 10 argattee sadarkaa 4ffaarra yoo teessu Itoophiyaan ammoo taphoota 8 keessaa qabxii 6’n sadarkaa 5ffaa irratti argamti.
Gareewwan lameen tapha marsaa jalqabaa Waxabajjii 6, 2024 taasisan 0-0 walqixa bahani.
Gareewwan lameen taphoota ramaddii tibban 5 taasisan keessaa tokko qofa moo’atan.
Ramaddii kana Ijipti qabxii 20’n yoo dursitu, Burkiinafaasoon qabxii 15’n 2ffaa, Seeraaliyoon qabxii 12ffaan 3ffaarra teesseetti.
Ramaddicha keessaa Jibuutiin Ijipt waliin yoo morkattu Seeraaliyoon ammoo Burkiina Faasoo keessummeessiti.
Itoophiyaan tapha gulaalliishee isa xumuraa Burkiina Faasoo waliin Dilbata dhufu halkan sa’aatii 4tti morkatti.
Waancaa Addunyaa bara 2026rratti gareewwan Afriikaa sagal kallattiin kan hirmaatan ta’a.
Morookoofi Tuuniiziyaan biyyoota dursanii darbuusaanii mirkaneeffatan ta’aniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin