Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hirmaachaa wayita jiranitti Itoophiyaan Innisheetivii Ergama Annisaa 300’tti makamuun ishee beekameera.
Innisheetiviin kun ergama Afrikaa guutummaatti tajaajila elektirikaa waliin ga’uu kan qabate yommuu ta’u beekamtiin Itoophiyaaf kenname kunis wayita biyyattiin riifoormiiwwan cehumsa anniisaa garaa garaa taasisaa jirtu kanatti ta’uun akka carraa gaariitti ilaalameera.
Innisheetivii kanaan Baankii Misoomaa Afrikaa (AfDB), Baankii Addunyaa (WBG) fi qooda fudhattoota idil-addunyaa biroo waliin ta’uun Doolaara Ameerikaa Biliyoona 50 walitti qabuufi kanaanis bara 2030’tti tajaajila elektirikaa Afrikaanota Miliyoona 300 biraan ga’uuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuun beekameera.
Itoophiyaan innisheetivii kanatti makamuun ishee carraa faayinaansii idil-addunyaa garaa garaa akka argattu haala ni mijeessa jedhameera.
Innishwetiviin Anniisaa lammiilee Afrikaa Miliyoona 300 waliin ga’uuf karoorfate kun Itoophiyaan anniisaa haaromfamaatiin fayyadamummaa qabdu akka galmaan ga’u kan dandeessisu yoo ta’u, carraawwan jiran adda baasuun Naannicha annisaan walitti hidhuuf akka gargaaru himameera.
Kunis, ga’ee Itoophiyaan anniisaa haaromfamaatiin Afrikaa keessatti qabaatti akka guddisu, hiyyummaa gama anniisaan jiru furruu akkasumas misooma itti fufiinsa qabuuf akka oolu ibsamuu isaa odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame ni mul’isa.