Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa furuuf tarkaanfiiwwan qabatamaa fudhatteetti- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

You are currently viewing Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa furuuf tarkaanfiiwwan qabatamaa fudhatteetti- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

‎AMN – Hagayya 28/2017

‎Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa furuuf ashaaraa magariisaa, itti fayyadama anniisaa haaromfamuu fi magaalota ammayyeessuutiin tarkaanfii qabatamaa akka fudhatte Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee ibsanii jiru.

‎Torban Jijjiirama Qilleensaa Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin qophaa’e yeroo ammaa magaalaa Finfinnee keessatti adeemsifamaa jira.

‎Sirna baniinsaa yaa’ii kana irratti Pireezidaantii Taayyee Atsiqasillaasee, Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahmuud Alii Yuusuf fi qondaaltonni olaanoo biyyootaa fi dhaabbilee idil-addunyaa garaa garaa argamaniiru.

‎Itoophiyaan biqiltuu Biiliyoonaan lakkaa’amu dhaabuu fi dacheen magariisa akka uffattu taasisuun jijjiirama qilleensaaf deebii kennuu ishee Pireezidaanti Taayyeen ibsanii jiru.

‎Torban Jijjiirama Qilleensaa “Mariiwwa gara Gochaa fi Bu’aatti Jijjiiruu” mata-duree jedhuun, yaada jijjiirama qilleensaa gara tarkaanfii bu’aa qabatamaatti jijjiiruu irratti xiyyeeffachuun adeemsifamaa jira.

‎Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply