Itoophiyaan tapha Ijiptiin walqabatee FIFA’f himannaa galfatte

You are currently viewing Itoophiyaan tapha Ijiptiin walqabatee FIFA’f himannaa galfatte

AMN PLUS- Qaammee 2/2017

Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Itoophiyaa rakkoolee naamuusaa tapha Ijipt irratti mul’atan ilaalchisee himata Koree Naamuusaa FIFA’f erge.

Federeeshinichi himata kanaan, deeggartoonni Ijipt kabaja faaruu biyyaalessaa Itoophiyaaf malu kennuu dhiisuufi ifaa ija nama haguugu (laser pointers) fayyadamuu isaaniin himannaa naamuusaa dhiheesseera.

Yeroo faaruun biyyaalessaa Itoophiyaa faarfamu deeggartoonni mallattoolee gara garaa agarsiisaa turuu himuun, Ifaan ija haguugu taphattoota akka jeeqellee eereera.

Keessumaa yeroo rukuttaan adabbii saanduqa keessaa rukutaman ifaan humna qabu kun baayinaan karra eegaa Abubakar Nuuraa irratti ibsamaa turuu Federeeshinichi addeesseera.

Yeroo faaruu biyyaalessaattis kabaja deeggaraan biyya tokkoo biyya biraaf agarsiisuu qabu dhiisuun sagalee walirraa hin cinne dhageessisaa turuu himameera.

Kanaafis korichi taatee kana giddugaleeffatee qorannoo akka geggeessuufi Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Ijipt itti gaafatamummaa isaa akka fudhatu FIFA gaafateera.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply