Itoophiyaan tumsa dippilomaasii damee dinagdee fi Invastimantii Kolombiyaa waliin qabdu cimsitee akka ittifuftu De’eetaan Ministiraa Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Yasmiin Wahabirabnii ibsan.
Mariin dinagdee fi biizinasii Itoophiyaa fi Kolombiyaa hooggantoota biyyoota lamaanii fi dureeyyiin Kolombiyaa bakka argamanitti Finfinneetti taa’ameera.
De’eetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Yasmiin Wahabirabbii wayita kana Itoophiyaa fi Kolombiyaan biyyoota hariiroo dippilomaasii yeroo dheeraa qaban ta’uu dubbataniiru.
Itoophiyaan hariiroon biyyoota lamaanii dameelee daldalaa, Invastimantii fi dameelee biroon caalaatti cimee akka ittifufu akka hojjettu eeraniiru.
Fooyyessa dinagdee gooroo guutuu hojiirra oolchuun dureeyyii biyya alaaf haala mijataa uumuushee eeraniiru.
Dameelee qonnaa, Maanuufaakchariing industirrii, anniisaa haaromfamaa, albuuda, tuurizimii fi dameelee birootiin filanoo invastimantii akka qabdu ibsaniiru.
Itti aanaan Ministira Daldalaa Kolombiyaa Luwiis Fiiliippee Kuwiinteroo gamasaaniin, Kolombiyaan hariiroo daldalaa Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii akka qabdu dubbataniiru. TOI