Itoophiyaanota bobbii hojiin biyya alaa bahanii Baankii Daldala Itoophiyaatti qusataniif faayinaansii dabalataa dhiheessuuf waliigalteen mallattaa’e

You are currently viewing Itoophiyaanota bobbii hojiin biyya alaa bahanii Baankii Daldala Itoophiyaatti qusataniif faayinaansii dabalataa dhiheessuuf waliigalteen mallattaa’e

‎AMN PLUS – Hagayya 06/2017

Bobbii Hojii Ministeera Hojiifi Ogummaatiin lammiilee Itoophiyaa biyya alaatti hojjechuun mallaqa isaanii Baankii Daldala Itoophiyaatti qusataniif faayinaansii dabalataa dhiyeessuf waliigalteen mallattaa’e.

Waliigalticha Ministirri Hojiifi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiliifi Pirezidaantii Baankii Daldala Itoophiyaa obbo Abbee Saannoo mallatteessaniiru.

Aadde Mufaariyaat waliigaltee kana booda yaada kennaniin, lammiilee kanneen faayinaansiin deeggaruun bu’aa caalmaaf isaan kakaasa jedhaniiru.

Waliigaltichi kalaqa hojii akka jajjabeessus eeran.

Lammileen gara biyya alaatti ergaman qabeenya horataniin ofiifi biyyasaanii akka fayyadaniif mootummaan hojjechaa jiraachuus himan.

Pirezidaantiin Baankii Daldalaa Itoophiyaa obbo Abbee Saannoon gama isaaniitiin baankichi lammiilee hojii uumaniifi kalaqa irratti bobba’aniif dhiyeessii faayinaansii mijeessuun deeggarsa akka taasisu ibsan.

Lammiilee karaa bobbii hojii biyya alaatiin deemanis mallaqa isaanii baankichatti yoo qusatan, yeroo gara biyyaa deebi’an bittaa mana jireenyaafi konkolaataaf faayinaansii akka dhiheessuuf kaasaniiru.

Dhiheessiin maallaqaa kun hojii dhaabbataa akka eegalaniifis kan gargaaru ta’uu eerameera. TOI gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply