Maloota dursanii Ittisuu fayyadamuun saaxilamummaa dhukkuba Onnee xiqqeessuun akka dandaa’amu Ministeerri Fayyaa beeksise
Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa guyyaa Onnee Addunyaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.
Ibsicha kan kennan Deetaan Ministeera Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa qorannoo yeroo gara garaatti taasifameen Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota dhukkuba onneen qabamanii dabalaa jiraachuu dubbataniiru.
Sababni ka’umsa dhukkuba kanaas dhugaatii Alkoolii, Tamboo xuuxuu, Nyaata soogiddi itti baay’ate fayyadamuu, to’annoo dhabuu dhukkuba sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa akka ta’es himan.
Kanaafi dhugaatii Alkooliifi Tamboo xuuxuu dhiisuu, nyaata soogiddaafi coomni itti baayyate fayyadamuu dhiisuu, sosochii jabeenyaa qaamaa yeroo yerootti taasisuun dursanii ittisuun akka dandaa’amu Dr. Darajjee ibsicha irratti eeraniiru.
Guyyaan Onnee akka Addunyaatti yeroo 27ffaaf, akka Itoophiyaatti yeroo 11ffaaf Fulbaana 20 irraa eegalee hanga Onkoloolessa 2 tti sirnoota garagaaraan akka kabajamus kaasaniiru.
Geetaahun Katamaatu gabaase.