Jilli Ministira Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan durfamu durfamufi Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa keessatti argaman daawwannaasaa Biraaziil ittifufuun dhaabbilee gama tekinoolojiin muuxannoo gaarii qaban garaagaraa dawwatee jira.
Daawwannaa kanaan, hojiiwwan Dhaabbata Xiyyaara daldalaa, waraanaafi seektara qonnaa deeggaran omishu Embraer fi Paarkii Kalaqa Teeknooloojii Sao José dos Campos jedhamu daawwatanii jiru.
Mul’ata akka biyyaatti Itiyoophiyaa dijiitaalaa (Digital Ethiopia 2025) dhugoomsuuf qabameef hojiin kalaqaafi tekinoolojiin hoogganamuun murteessaadha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gama kanaan tarsiimoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa waliin walsimsiisuun dameelee adda addaatiin jijjiirama dijitaalaa ariitiin hojjataa jira. Bu’uura kanaan, muuxannoo biyyoota gama kanaan milkaa’ina gaariirra jiranii akka Biraazil qooddachaa deemuun dhimma ijoo ta’uun, fuuldurattis gama wal jijjiirraa teeknooloojiifi kalaqaa irratti caalmatti hojjachaa deemuun barbaachisaadha.
Jilli kun “Yaa’ii Biraazil-Afrikaa 2ffaa Wabii Nyaataa, Ittisa Beelafi Misooma Baadiyyaa” gaggeeffamu irratti hirmaachuuf gara Biraazilil kan imale ta’uun Biiroo Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa odeeffanne.