Ji’oottan sadan dhufanitti namoota kuma 100 fi kuma 85 oliif yaala fayyaa bilisaa kennuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee beeksise

You are currently viewing Ji’oottan sadan dhufanitti namoota kuma 100 fi kuma 85 oliif yaala fayyaa bilisaa kennuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee beeksise

AMN PLUS- Waxabajjii 15/2017

Ji’oottan sadan dhufanitti namoota kuma 100 fi kuma 85 oliif yaala fayyaa bilisaa kennuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Sagantaan jalqabsiisa karoora guyyaa 90 sektara Fayyaa Hospitaala Waliigalaa Minilikitti adeemsifameera.

Sirnicharratti kan argaman Hogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Yohaannis Caalaa (Dr.) karoora guyyaa 90 hanga Qaammee 5tti adeemsifamu dhimmoota ijoo afur irratti kan xiyyeeffatu ta’uu dubbatan.

Yaala fayyaa bilisaa namoota kuma 100 fi kuma 85f, arjooma dhiigaa, manneen harka qalleeyyii haaromsuufi waraqaa eenyummaa biyyaalessaa irratti bal’inaan kan hojjetamu ta’uu kaasan.

Jalqabsiisa sagantichaa ilaalchisuunis Hospitaala Waliigalaa Minilikitti namoota 300f qorannoofi yaalli fayyaa garagaraa kennamuu Daayirektarri hospitaalichaa Dr. Takattal Xilaahun dubbataniiru.

Bulchaa Nagaraatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply