Ji’otan 6’an darbe riiformii dhaabbilee mootumma irratti taasifameen bu’an argameera- Kantiibaa Adaanach Abeebee

AMN PLUS Guraandhala 12/2107

Ji’otan 6’an darbe riiformii dhaabbilee mootumma irratti taasifameen bu’an argamuu Kantiibaan Bulchiinsa Magalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abaeebee dubbatan.

Manni Maree Bulchiinsa Magalaa Finfinnee raawwii hojii bara bajata ji’otan 6 darebe gmagamuu eegaleera.

Kantiibaa Adaanech Abeebee gbaasaa hojii bulchiinsa Magalatti wayita dhiyeesan akka ibsanitti kenninsa tajaajila teeknoolojii gargaaramuun dhaabbileen mootummaa 19 ta’an tajaajiloota isaanii 87 teeknoolojiidhaan fayyadamuun tajaajila saffisaa kennuu dandaa’aniiru jedhan.

Haaluma kanaan tajaajiloonni teeknooloojii fayyadamuun kennaman saffisafi qulqulinna akka qabaatan kan taasisuu ta’uu eeraniiru.

Biiroon Bulchiinsa Lafa Magalaa Finfinnee tajaajila kennu dijitalawaa gochuun tajaajilamtoonni haala salphaa ta’een bakka jiran taa’anii tajaajila akka argatan taasisu isaa kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Haaluma kanaan ragaleen kuma 720 caalan gara dijitaalatti jijjiirun ragaalee tajaajilamtoota amansiisaa taasisuu fi nageenyi isaa kan eegame akka ta’u taasisuun danda’ameera jedhan. Hojiin kun qabeenya lafa magalaa akka beekamu taasisuun irra darbee qisaasamuu irraa to’achuun hojii jajabeessan hojjetameera jedhaniiru.

Gama Abba Taayitaa heeyyama fi to’anno konkolachiiftoota fi konkolataatinis tajaajila kennaman 45 keessaa 35 sirna teeknoolojiittin tajaajilli akka kennamu taasifamuu isaa Aadde Adaanech gabasa dhiyeesan keesatti kaasaniiru.

Abbaan Taayitichaa ragaalee tajaajilamtoota isaa miiliyoon 1. 8 ol gara dijitalaatti jijjiiruun bua’aa ba’ii maamiltota isaa hir’isuun akka danda’ame himaniiru.

Biiroon Pabiliik Sarvisii Magalaa Finfinnes ragalee hojjettota gara dijitalaatti jijjiruun hojii bu’aa qabeessa hojjechuu isaa dubbataniiru. Hojii qulqulleesuu ragaalee hojjettota taasifameen hojjettonni 100 ol ta’an bakka lamaa fi isaan olitti qacaramanii miindaa nyaachaa turan adda baasuun tarkaanfiin akka fudhatamu taasifameera jadhaan.

Ejensiin Galmeessa Siviilii serviisii rakkoo yeroo dheeraf uummanni kaasu keessa bahee, tajaajila kennu hundamumaa dijitaalwaa gochuuf taataffiin taasifameen magalaatitti waraqaa eenyummaa fi tajaajila kanneen waliin wal qabatan hunda fooyyesuun gara bu’aa qabeesatti ce’ee akka jiru kantiibaa Adaanech dubbataniiru.

Tolasaa Mabraateetu gabasee

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply