Magaalota Naannoo Amaaraa garagaraatti jiraattonni nageenya deeggaruun akkasumas finxaalessummaa balaaleffachuun hiriira deeggarsaa bahaniiru.
Hiriira deeggarichaatiin carraaqqii mootummaan misoomaafi nageenya mirkaneessuuf taasisaa jiru dinqisiifachuun fuula duratti hojiiwwan eegalaman ni deeggarra jedhan.
Gochoota finxaaleyyiiwwan lammiileerratti raawwatanis balaaleffataniiru. Saamichi, ajjeechaa, ugguramuufi gochoonni biroo dhaabachuu qabu jedhan.
Hirmaattonni hiriira deeggarichaa dhaadannoofi ergaawwan nuti nagaa barbaadna , mootummaan olaantummaa seeraa haa kabachiisu, qaamoleen lammiilee nagaa ajjeesan seeratti nuuf haa dhihaatan, nageenyi qabeenya walooti, nageenyi hundaaf jedhu dhageessisaa jiraachuu TOI’tu gabaase.