Pirezidaantiin Ameerikaa duraanii Joo Baayidan Kaansarii Piroosteetiin qabamuun isaanii himame.
Maanguddoon ganna 82 Joo Baayidan qorannoo taasifameen Kaansarii Piroosteet saffisaan babal’atuun qabamuun isaanii biiroon isaanii beeksiseera.
Kaansarichi gara lafeesaaniitti tatamsa’uuu hordofee akkaataa tilmaama ogeeyyiiwwan waldhaansaatiin sadarkaa olaarraa jiraachuu BBC’n gabaaseera.
Kaansarichi hoormoonii irratti kan hundaa’e waan ta’eef waldhaanamuu danda’u jedhameera.
Pirezidaantiin duraanii Baayidaniif maatiiwwan isaanii filannoo waldhaansaa caalu qorataa jiraachuun himameera.