Kaffaltiin kiraa buufata dooniif Itoophiyaan baaste Hidhaa Haaromsaa 12 ijaara- Salamoon Tafarraa

You are currently viewing Kaffaltiin kiraa buufata dooniif Itoophiyaan baaste Hidhaa Haaromsaa 12 ijaara- Salamoon Tafarraa

AMN PLUS- Hagayya 09/2017

Itoophiyaan waggoottan 36 darbanitti kiraa buufata doonii Jibuutiif kaffaltiin baafte Hidhaa Guddicha Haaromsa Itoophiyaa 12 ol ijaarsisuu danda’a jedhan Qorataan damichaa Salamoon Tafarraa.

Qorannoowwan hedduu damee kanarratti kan gaggeessan Hoogganaan Akkaadaamii Hoggansaa Finfinnee Salamoon Tafarraa, Itoophiyaan Kiraa buufata dooniif waggaatti giddugaleessaan doolaara biiliyoona lama ol Jibuutiif kaffalti jedhan.

Biyyattiin Ulaa Galaanaa waan hin qabneef daldala biyya keessaa fi alaa gaggeessuuf waggoota 36 darban keessatti doolaara biiliyoona 72 kaffaluun ishees ibsameera.

Kunis baasii ijaarsa Hidha Haaromsa Itoophiyaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu, biyyattin waggoottan 36 darban keessatti doolaarri isheen baasatee yoo shallagu hamma Hidha Haaromsa guddicha Itoophiyaa 12 ol ijaaruu dandeessisa jedhaniiru.

Doolaara biiliyoona 72 Itoophiyaan kiraa buufata dooniif kaffaltee osoo biyyattii keessatti invast godhamee pirojektoota gurguddoo ijaaruun guddina diinagdee guddaa caalaatti mirkaneessa ture jedhan qorataan damichaa Salamoon Tafarraa .

Ulaa Galaanaa dhabuun rakkoo diinagdee uumaa jiru kana tooftaalee adda addaan furuuf mootummaan sochii gara garaa taasisaa akka jiru eeruu EPAn gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply