Taanzaaniyaatti hoomaan kanniisaa dirree taphaa weeraruun tapha addaan kute.
Magaalaa Baabaatiitti tapha kilaba FC Abujaafi JKU FC gidduutti taasifamaa osoo jiruu kanniisni dirree seenuun taphattoota, abbaa murtiifi ogeeyyiin kaameera hojii dhiisuun lafa akka ciisan taasiseera.
Taphichis daqiiqaa 78ffaa irratti addaan cituuf dirqamuu Daily Mail gabaaseera.