Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasaan dabarsaniin Afriikaanonni harka walqabachuun egeree fooyya’aaf waliin tumsuu akka qaban waamicha dabarsaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebeen Konfaransiin kunuunsaafi eegumsa daa’imman Afriikaa ilaalchisuun qophaa’e Galma Gamtaa Afriikaatti taa’aamaa jiraachuu himan.