Kantiibaa Adaanech Abeebee hojjettoota hojii ijaarsa misooma kooridarii irrati hirmaatan waliin ayyaana Faasikaa kabajan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebee hojjettoota hojii ijaarsa misooma kooridarii irrati hirmaatan waliin ayyaana Faasikaa kabajan

AMN PLUS – Ebla 12/2017

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hojjettoota hojii ijaarsa misooma kooridarii irrati hirmaatan, kontiraaktarootaafi gorsitoota waliin bakka hojiitti ayyaana Faasikaa kabajuusaanii beeksisaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin hojjetoonni kunneen magaalaa Finfinnee miidhagsuufi haarawaa gochuuf halkaniifi guyyaa carraaqaa waan jiraniif galateeffataniiru.

Ayyaanichi kan nagaa, jaalalaa, gammachuufi walii yaaduu akka ta’us hawwaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply