Kantiibaa Adaanech Abeebee kan dhaabaa jirru biqiltuu qofa osoo hintaane waliin jireenya, jaalalaa fi tokkummaa akka ta’e himan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebee kan dhaabaa jirru biqiltuu qofa osoo hintaane waliin jireenya, jaalalaa fi tokkummaa akka ta’e himan

‎AMN PLUS- Adoolessa 24/2017

‎Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa dabarsaniin, guyyaa har’aa sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon kan dhaabamaa jiru biqiltuu qofa osoo hin taane, walin jireenya, jaalalaa fi tokkummaadha jedhan .

‎Sochiin akka biyyaalessaatti guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuuf taasifamaa jiru guutummaa Kutaalee magaalaa Finfinnee keessatti itti fufee jiraachuu ibsaniiru.

‎Diinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaa dandamatu ijaaruuf biqiltuu dhaabaa jirras jedhan.

‎Haaluma kanaan, naannoo Goorootti, hawaasa magaalaa keenyaa guutuu, akkasumas humna Poolisii Magaalaa Finfinnee, miseensota Kabachiisuu Dambbii, nagaa eegdota fi hawaasa Kolfee waliin ta’uun qarqara laga Aqaaaqii, laga Awaash irraa maddu, iddoo jaalalaa fi nagaadhaan guutame, hariiroo hawaasummaa cimsuu itti fufnee jirra jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply