Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti manneen jireenyaa 253 namoota oolmaa guddaa biyyaaf oolan, lammiilee rakkoo hawaasummaa cimaaf saaxilamaniifi deeggarsa warreen hin qabneef dabarsaniiru.
Kantiibaa Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka beeksisanitti “Ganna kana baatiiwwan sadii keessatti waliigalaan mannee kuma 3 ol ijaaraman keessaa jiraattota dursi laatamuufii qabuuf manneen kuma 1f 924 dabarsineerra” jedhaniiru.