Karoori misooma milkaa’ina biyyaalessaa giddu galeessa kan godhate ta’uu Minstirri Minsteera Karooraa fi Misoomaa Fitsum Asaffaa (Dr.) ibsan
Manni Maree Ministirootaa bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) argamanitti karooraa biyyaalessa bara 2018 irratti mari’ataa jira.
Ministirri Karooraafi Misoomaa Fistum Asaffaa (Dr) mariin eegalame karoora misooma biyyaalessaa Ministeera Karooraafi Misoomaan qophaa’ee garee Maakroon ragga’e irratti wal hubannoo waloo uumuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Marii kanaratti karoorri misooma biyyaalessaa akkaataa haala dinagdee addunyaatiin gadi fageenyaan qoratamuusaa Ministirri Karooraafi Misoomaa Fistum Asaffaa (Dr) himaniiru.
Karoorichi milkaa’ina biyyaatti giddu galeessa kan godhate akka ta’es eeraniiru.
Karoorri Misooma Biyyalessa bara bajata 2018’tti Itoophiyaan guddina dingadee dhibbeentaa 9 galmeessuu akka dandeessu raaguu ibsaniiru.