Kilabni Magaalaa Adaamaa Piriimiyer Liigii Itoophiyaa keessa akka turu murta’e

You are currently viewing Kilabni Magaalaa Adaamaa Piriimiyer Liigii Itoophiyaa keessa akka turu murta’e

AMN PLUS Waxabanjii 2/ 2017

Bara Dorgommii 2017 Piriimiyer Liigii Itoophiyaan gara liigii olaanaatti kan bu’ee ture Kilabiin Magaalaa Adaamaa Piriimiyer liigii Itoophiyaa keessa akka turu murta’e.

Federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa yaa’ii idilee har’a adeemsiseen kilaboota piriimiyer Liigii Itoophiyaa kessattii ballessaa raawwatan irrattii tarkaanfii fudhachuun kilabii Magaalaa Adaamaa dabalatee kilaboonni gara liigii olaanootti gadi bu’anii turan bara dorgommii dhufuttii premer liigii Itoophiyaa kessaa akka turuuf murtessuu danda’era

Gama biraan shaampiyonaa waancaa Itoophiyaa kan ture Bunnii Sidamaa dambii FIFAN baasee cabsuu isaan waancichi xumuraa kan gahee mo’amee Walayitaa Dichaaf akka kennamuu murta’era

Waancaa Konfedereeshinii Afrikaa hirmachuuf kan ture Bunni Sidamaa irraa haqamuun bara dorgommii dhufu Walayitaa Diichaan Itoophiyaa bakka bu’uun kan hirmatuus nii ta’aa

Rabbirraa Hirphaatu gabaasee

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply