Kilabni Nuno Espiito hojiirraa gaggeessuun Enje Poschekoguluu muude Nootiingihaam, gara Emireets imaluun har’a Arsenaal waliin falmata

You are currently viewing Kilabni Nuno Espiito hojiirraa gaggeessuun Enje Poschekoguluu muude Nootiingihaam, gara Emireets imaluun har’a Arsenaal waliin falmata

AMN PLUS – Fulbaana 3/2018

Piriimiyer liigiin Ingiland torbee 4ffaa taphoota intarnaashinaalaa booddee har’a yoo eegalu taphni Arsenaal dirree isaa irratti Nootiingihaam Foorest keessummessu haalaan eegama.

Torbee 3ffaan gara Anfiilditti imalee goolii 1-0n injifatamuun kan deebi’e gareen Mikeel Arteettaa Arsenaal Qabxiiwwan 6 qabachuun har’a falmata.

Sababa walii galtee dhabuu boordii kilabichaa fi abbootii qabeenya waliin wal qabatee hojii leenjisummaa irraa Nuuno Espiriitoo Saantoos kan gaggessaan Nootiingihaam Foorest leenjisaa waanca liigii Awuroppaa Tootenham Hotisperiif milkeessan Enjee Poschekoguluu lenjisumman muuduun hojii isaani tokko jedhanii Emireetsitti eegalu.

Enjee Poschekoguluun yeroo hedduu Tootenham Hotisper keessa yeroo turanitti qormaata guddaa Arsenaal kan turan yoo ta’u har’as salphaatti harka kennu jedhamee hin eeggamu.

Nootiingihaam Foorest gama isaan taphoota 3 adeemsise keessaa 1 injifachuun 1 qixa bahuun 1 ammoo injifatamuun qabxiiwwan 4 walitti qabachuu danda’eera.

Taphichi har’a sa’aati 8:30 gubbarratti kan eegalu ta’a.

Taphoota biroon sa’aatii 11:00 irrattii Niwukaastil Yunaayitid Wolvis waliin, Evertan Astoonviilaa, Fulhaam ammoo Liids waliin falmatu.

Halkan Sa’ati 4:00 irratti ammoo gareen Enzoo Maareeskaan durfamu Cheelsiin dirreen alaa imaluun Bireentfoord waliin taphni taasisan haalan egama.

Rabbirraa Hirphaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply