Morkii walakkaa xumuraa Waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan galgala kana Arsenaal PSG keessummeessa.
Nuusa xumuraan Riyaal Maadirid waliigala goolii 5-1’n injifachuun gara walakkaa xumuraatti kan darbe Arsenaal, garee guddicha Faransaayi Astonviilaa morkichaan ala godhee marsaa kanatti makame waliin falmatu.
Seenaa keessattii waancicha injifatanii kan hin beekne kilaboonni kunneen lamaan yeroo jalqabaatiif waancaa gurraa lamaa kana ol kaasuuf qormaata guddaa waliif ta’u jedhamee eegama.
Shaampiyoonaan Faraansi Liig Waan PSG’ amma humna garee kamuu injifachuuf isa dandeessisu irratti argama kan jedhan leenjisaan garichaa Luwiis Enriikeen Arsenaal moo’atanii marsaa itti aanutti darbuufis qophii ta’uu himan.
PSG bara kana morkii moo’anii darbuu waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppan kilaba Ingilaandi 3 waliin walitti dhufuu isaati.
Taphni eegamaan kilaboota lamaanii har’a galgala dirree Arsenaal Emireetis irratti
Sa’aatii 4:00 irraa eegaluun gaggeeffama.
Rabbirraa Hirphaan