Kirkira lafaa Filiippiinsitti mudateen Lubbuun namoota 69 ol darbe

You are currently viewing Kirkira lafaa Filiippiinsitti mudateen Lubbuun namoota 69 ol darbe

AMN PLUS- Fulbaana 21/2018

Kirkira lafaa biyya Baha Eeshiyaa taate Filiippiinsitti mudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 69 yoo darbu namootni hedduun ammoo madaa’uu isaanii anga’ootni biyyattii ibsaniiru.

Gamoowwaan, daandiiwwaniifi manneen jireenyaa hedduun balaa kanaan manca’uu himameera.

Balaa kirkira lafaa Reektar Iskeeliin 6.9 ta’ee galmaa’e kana hordofuun bulchinsa Seebuutti labsiin yeroo hatattamaa labsameera.

Hojjattootni lubbu baraaran namoota jijjigaa gamoowwanii jalaa baasuuf ifaajaa yoo jiran mootummaanis deggarsa taasisaa jiraachuu ifoomseera.

Balaan kun kan mudate obomboleettiin cimaa Ragaasaa jedhamu torbee darbe lubbuu namoota kuma 6 galaafachuun, mancaatii guddaa erga qaqqabsiisee booda ta’uu beekameera.

Filiippiinsi Galaana Paasifikitti dhiyaachuun waan argamtuuf balaa uumamaaf saaxilamtuu ta’uu ishee Anadolufi BBC’n gabaasaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply