Kitaabni “Birihaan Fanxaaqiiwu Abbaay” eebbifameera.

You are currently viewing Kitaabni “Birihaan Fanxaaqiiwu Abbaay” eebbifameera.

‎AMN PLUS- Fulbaana 15/2018

‎Kitaabni bu’aa ba’ii hidhi haaromsa guddichi Itoophiyaa keessa dabree ibsu “Birihaan Fanxaaqiiwu Abbaay” eebbifameera.

‎Kitaabichi dhaabbata Pireesii Itoophiyaan kan barreeffame yoo ta’u, gaabbii baroota dheeraa Itoophiyaan osoo laga Abbaayyatti hin fayyadamin dabarsite kan ibsudha.

‎ Siyaasa itti fayyadama laga Abbaayyaarratti miidiyaalee addunyaatiin deemaa ture kan calanqiisiisu akkasumas humna maallaqaafi beekumsaa lammiilee isheetiin Itoophiyaan hidha haaromsaa kana akka ijaartee kitaaba sirritti ibsuudha jedhan Deetan Ministira Ministeera Tajaajila Kominikeeshini Tasfaahun Goobazaay.

‎Eebbifamuun hidha haaromsaas gaabbii bara dheeraa kan deebiseedhas jedhaniiru.

‎Zallaqaa Oljirraatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply