Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Kitaaba ‘SMART ADAMA’ jedhu eebbisiise.
Qabiyyeen Kitaabaa ‘SMART ADAMA’ kunis bu’aa jijjiirama qabatamaa magaalattiin keessa jirtu kan agarsiisuufi akka muuxannootti kan gargaaru ta’uu Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee dubbataniiru.
Kana malees kitaabichi yaadama idaa’amuufi walirraa barachuu kan qabuufi jijjiirama magaalaa Adaamaafi kanneen biroof kan tumsu ta’uus himaniiru.

Kitaabichi galmoota gurguddoo magaalaa Adaamaa Smart taasisuuf qabame 10 bu’ureeffachuun kan barreeffame ta’uus Obbo Hayiluun himan.
Kitaabni ‘SMART ADAMA’ Kun hayyoota hedduu hirmaachisuun kan barreeffameefi Magaalota Afrikaaf fakkeenya kan ta’uudhas jedhan.
Kana malees Bulchiinsi Magaalicha Rakkoo geejjibaa furuuf Awutoobisiiwwan ammayyaa sagal eebbisiisuun hojii eegalchiiseera.
Sagangaa Eebbaa kana irratti Itti gaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Doktar Abdulaziiz Daawud dabalatee hoggantoonni olaanoo sadarkaa federaalaa fi naannoo, Abbootiin Gadaa, Haati Siinqeefi jirattoonni magaalichaa argamaniiru.
Geetaahun Katamaatu Gabaase.