Komishinichi hawaasa Diyaaspora irraa ajandaa walitti qabuu eegale

You are currently viewing Komishinichi hawaasa Diyaaspora irraa ajandaa walitti qabuu eegale

AMN PLUS- Adoolessa 25/2017

Komishiniin Marii Biyyalessa Itoophiyaa toora interneetiin Itoophiyaanotaafi dhalattota Itoophiyaa biyyoota Afrikaa jiran waliin ajandaa walitti qabuu eegaleera.

Marii kaleessa toora interneetiin eegalame irratti lammileen Itoophiyaafi dhalattoonni Itoophiyaa biyyoota Ijipit, Sudaan Kibbaa, Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Botiswaanaa fi biyyoota Afrikaa birraatti argaman irratti hirmaataniiru.

Maricharratti Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Komishinar Piroofeesar Masfin Ar’aayaa riayaa milkaa’ina hanga ammaatti argamee fi xiyyeeffannoo fulduraa irratti ibsa kennaniiru.

Kaayyoon marii toora interneetii kanaas hawaasa daayaasporaa Afrikaa keessa jiraatan irraa ajandaa walitti qabuufi marii biyyaalessa yeroo itti aanu adeemsifamu keessatti qooda fudhatoota koree filatu qindeessuu akka ta’e himameera.

Komishinichi hawaasa Daayaaspora irraa karaa toora interneetii, E-meelii fi biyyoota filataman ammoo qamaan argamuun ajandaa akka walitti qabu eeramuu ragaan Marii Biyyalessaa irra argame ni mul’isa.

Tolasaa Mabraateetiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply