Komishiniin Marii Biyyaalessaa naannoo Amaaraatti namoota dhiibbaa uumaniifi qooda fudhattoota waliin mari’ataa jira.
Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Malaaku W/Maariyaam namoonni dhiibbaa uuman dhimmoota biyyaalessaa bu’uura ta’an irratti mari’achuun ajandaawwan madda furmaataa ta’an akka dhiheessan gaafachuusaanii Kominikeeshinii naannichaarraa odeeffanne.