Konkolaachistoonni daandii lafoorra konkolaataa oofuun bu’uuraalee misooma koridariirratti miidhaa geessisaniifi dambii cabsanii argaman birrii kuma 300 adabamuusaanii Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Hogganaan Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Shaalaqaa Zarihuun Tafarraa AMN Dijitaal Miidiyaatti akka himanitti konkolaachistoonni kunneen Waxabajjii 09/2017 Kutaa magaalaa Qiirqoos Aanaa 03 naannoo Walloo Safar jedhamutti bu’uraalee misooma kooridarii ijaarame, daandii lafoorra konkolaataa oofuun dambii darbanii argamuu himan.
Konkolaachistoonni kunneen daandii lafoorra konkolaata ofuun gocha hin malle raawwatanii yoo miliqanis eeruu hawaasaafi hordoffii Poolistoota Tiraafikaan to’atamanii adabamuu himan.
Konkolaachistoonni sadan tokkoon tokkoon isaanii gocha raawwataniif birrii kuma 100 walumatti birrii kuma 300 adabamuu himaniiru.
Jiraattonni Magaalaa Finfinnee namoota gochoota walfakkaatu raawwachuun bu’uraalee misooma kooridariirratti miidhaa hordofsiisan qaamolee seeraatti dabarsanii kennuufi eeruu kennuu akka qaban Hogganaan Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Shaalaqaa Zarihuun Tafarraa AMN Dijitaal miidiyaatti himaniiru.
Wandimmaagany Asaffaan