Biiroon Geejjibaa fi Loojistiksii Magaalaa Finfinnee Danbii Faalama aara konkolaataa keessaa ba’u hir’isuuf ba’e ilaalchisee qaamolee qooda fudhattootaa waliin mari’achaa jira.
Mootummaan faalama aara konkolaataa keessaa ba’u hir’isuuf, konkolaattota humna elektirikaan hojjetu baay’inaan gara biyyaa galchaa jiraachuu Hoogganaan Biiroo Geejjibaa fi Loojistiksii Magaalaa Finfinnee Obbo Yaabbibaal Addis himanii, kun ammoo hojii Itoophiyaan faalama qilleensaa hir’isuuf hojjechaa jirtu daran kan deeggaru ta’uu eeraniiru.
Bu’uuruma kanaan Konkolaattota umurii dheeraa tajaajilaniifi sadarkaa danbiin ka’ame gadi ta’an, tajaajila geejjibaa kennuu keessaa akka ba’an taasifamuuf ta’uu Obbo Yaabbibaal hubachiisuun, Konkolaattota kanneeniif boolloo haaressuun yeroo dhihootti akka dhaabbatus himaniiru.
Eebbifamuu Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaan booda itti fayyadamni anniisaa haaromfamaa biyyattii waan dabaleef, faalama qilleensaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
Seekterri geejjibaa faalama qilleensaa qaqqabsiisuu keessatti adda dureen waan eeramuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin mari’achuun barbaachisaa ta’ee argamuu Obbo Yaabbibaal Addis ibsaniiru.
Waltajjii marii kana irrattis, Hayyoonni Yuunivarsitii Finfinnee, Bakka bu’oonni Ministeera Geejjibaafi Loojistikii akkasumas Abbootii qabeenyaa taaksii magaalaa fi Awutoobisiiwwanii hirmaachaa jiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.