Kooriyaan Kaabaa bakka gaggeessaan ishee Kiim Joong Uun argamanitti misaa’ela ittisa qilleensaa haaraa lama yaaluu ishee Sabaa himaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Misaa’eloonni kunneen teeknooloojii olaanaan kan deggaraman yoo ta’u, haleellaa qilleensaa adda addaa, kanneen akka diroonii nama maleessa fi misaa’ela kruuzii ykn balali’u dabalatee haleellaawwan qilleensaa kanneen biroo ittisuu kan danda’an akka ta’an himamee jira.
Yaaliin kun kan gaggeeffame erga loltoonni Kooriyaa Kaabaa, bakka Kooriyaa Kibbaa’n wal daangessan qaxxaamuranii seenuu isaaniitiin, Kooriyaan Kibbaa dhukaasota akeekkachiisan bantee yeroo muraasa booda tahuun isaa beekameera.
Kiim Joong Uun shaakala waraanaa bal’aa Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaa jiddutti naannicha keessatti gaggeeffamaa jiru irratti mufannaa akka hin qabne ibsuu isaanii BBC’n gabaaseera.
Kiim gabbisa meeshaa niwukilaraa biyyattii daran cimsuu akka dubbatan beekameera.
Qondaaltonni olaanoo Kooriyaa Kibbaa Kooriyaan Kaabaa weerara Raashiyaan Yuukireen irratti raawwatte deeggaruuf loltoota gara Raashiyaa erga ergitee booda teeknooloojii misaa’ela Raashiyaa argachuu hin oolle jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.
Haa ta’u malee, yaaliin misaa’elaa kun misaa’eloota Raashiyaa irraa argaman jedhaman kan hirmaachise ta’uu fi dhiisuu isaa hanga ammaatti hin mirkanoofne.
Madda: BBC