Kutaa Magaalaa Gullalleetti balaa konkolaataa mudateen namoota 18 irraatti miidhaan gahe

You are currently viewing Kutaa Magaalaa Gullalleetti balaa konkolaataa mudateen namoota 18 irraatti miidhaan gahe

AMN PLUS- Ebla 16/2017

Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Gullallee Aanaa 7 bakka laga Geeshoo jedhamee waamamutti taaksiin nama 18 fe’ee imalaa ture daandiirraa maquun laga keessa seenuun namoota konkolticha keessa turan irratti balaa qaqqabsiiseera.

Komishiniin Ibiddaafi Hoggansa Sodaa Balaa Magaalaa Finfinnees ogeessotasaa komishinichaa bakkichatti erguun imaltoota miidhaa cimaarraa baraareera.

Kanneen balaan irra gahe keessa tokko dubartii ulfaa, kunneen immoo barattoota gara mana barumsaa deemaa turan yoo ta’u dhaabbilee fayyaatti waldhaansa argataniiru.

Sababa balichaa fi odeeffannoo dabalataa polisiin qorachaa jiraachuusaa ragaan Komishinii Ibiddaafi Hoggansa Sodaa Balaa Magaalaa Finfinneerraa arganne ni ibsa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply