Labsiin bilisummaa odeeffannoo walitti qabuu, fudhachuufi tamsaasuu heera mootummaatiin qopha’e dhiyaatera

You are currently viewing Labsiin bilisummaa odeeffannoo walitti qabuu, fudhachuufi tamsaasuu heera mootummaatiin qopha’e dhiyaatera

‎AMN PLUS – Hagayya 13/2017

‎Dhaabbanni Abbagaarii Ummataa Itoophiyaa mirga heera mootummaatiin namoonni odeeffannoo fi yaada walitti qabuu, fudhachuu fi tamsaasuuf qaban eegsisuuf Labsii Bilisummaa Odeeffannoo qopheesse jedhan Abbagaarii Olaantuun Aadde Simmany Wuube.

‎Dhaabbanni Abbagaarii Ummata Itoophiyaa Labsii Bilisummaa Odeeffannoo of danda’ee qophaa’e kana irratti hooggantootaafi ogeeyyii kominikeeshinii federaalaa, naannoo fi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin Adaamaatti mari’achaa jira.

‎Dhaabbanni Abbagaarii Ummata Itoophiyaa heera mootummaa FDRI keewwata 55 Keewwata Xiqqaa 15 tiin dhaabbata dimokiraatawaa heera mootummaatiin hundeeffame yoo ta’u; Labsii Lakk.211/1992 kan mirkanaa’e ta’uu ni yaadatama.

‎Dhaabbata Abbagaarii Ummata Itoophiyaatti Abbagaarii Olaantuun Aadde Simmany Wuubee akka jedhanitti; Bilisummaa Odeeffannoo qorachuu, qorannoo gaggeessuu, hubannoo uumuu fi raawwii hojii hordofuu labsii Lak.590/2000 Lakk.3 jalatti too’achuu akka gahee qabu ibsaniiru.

‎Bilisummaan odeeffannoo jalqaba akka lakkoofsa Itoophiyaatti bara 1946tti Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti beekamtii akka argate yaadatama.

‎Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bara 1948 Labsii Mirgoota Namoomaa Waliigalaa keewwata 19 irratti bilisummaan odeeffannoo akka mirga dhala namaa bu’uuraatti beekamtii kennamuun isaa yaadatama.

‎UNESCOn gabaasa bara 2024 baaseen Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 34fi biyyoonni addunyaa 139 seera bilisummaa odeeffannoo baasuu isaanii beeksiseera.

‎Haaluma kanaan bilisummaan odeeffannoo biyya keessaa sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama akja argatu hubachiisaniiru.

‎Itoophiyaan bara 1993tti Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa irratti Waliigaltee erga mallatteessitee booda bilisummaa odeeffannoo fudhachuu fi dabarsuu akka dandeessu ibsaniiru.

‎Heerri mootummaa Federaalaa Rippabiliika Itoophiyaa namni kamiyyuu odeeffannoo fi yaada walitti qabuu, fudhachuu fi tamsaasaa akka qabu gamaggamuu ibseera.

‎Murtii Bilisummaa Odeeffannoo hojiirra oolchuuf dhaabbileen miidiyaa Labsii Bilisummaa Odeeffannoo Lakk.590/2000 keessatti tumaalee bahan baay’ee ta’uu ibsaniiru.

‎Labsichi namni kamiyyuu qaama mootummaa kamirraayyuu odeeffannoo gaafachuu, fudhachuu fi dabarsuu, akkasumas yeroo murtaa’e keessatti odeeffannoo kennuu akka qabu ibeera.

‎Haa ta’u malee, daangeffamni Labsii kanaa qaamotni mootummaa dirqama isaanii yeroo ba’uu dadhaban sirna raawwachiisummaa kan hin hammanne ta’uu isaa, akkasumas tumaaleen odeeffannoo hin ibsamne hiikamuu kan qaban ta’uu ibseera.

‎Kanumaarraa ka’uun mirga heera mootummaatiin odeeffannoo fi yaada walitti qabuu, fudhachuu fi dabarsuu eegsisuuf labsiin haaraan mootummaa fi Dhaabbanni Abba Gaariin itti amane qophaa’u isaa TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply