Labsiin filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo Itoophiyaa fooyyessi taasifameef ragga’e

You are currently viewing Labsiin filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo Itoophiyaa fooyyessi taasifameef ragga’e

‎AMN PLUS Adoolessa 10/2017

‎Manni maree bakka bu’oota ummataa yaa’ii ariifachiisaa lammaffaa har’a taa’een labsii filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo Itoophiyaa fooyyessi taasifameef raggaasiseera.

‎Labsiin kun keewwata 26 akka qabu kan ibsame yoo ta’u, hirmaannaa siyaasa dubartootaa fi qaama miidhamtootaa guddisuu akka dandeessisu beekameera.

‎Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree Dhaabbata Dhimmoota Dimookiraasii Obbo Iwunatee Allenee, gabaasaa fi yaada murtee fooyyessa labsiichaa dhiheessaniiru.

‎Labsichi filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa karaa hirmaachisaa, dimookiraatawaa fi ifaa ta’een adeemsifamuu akka gargaarutti fooyya’uusaa kaasaniiru.

‎Keewwata fooyyeffaman keessaa hirmaannaa filannoo dubartootaa fi qaama miidhamtootaa, akkaataa komiin itti dhihaatuu fi fayyadamni teeknooloojii keessatti akka argamu eerameera.

‎Labsiin fooyya’e dirree siyaasaa bal’isuun dhimma filannoo hoogganuuf haala mijataa akka uumu walitti qabaan koree dhaabbatichaa eeraniiru.

‎Adeemsa filannoo walxaxaa ta’e teeknooloojiin deeggaruun filannoo ifaa fi kan baasii qusatu adeemsisuu akka to dandeessisu kaasaniiru.

‎Labsiin kunis erga gaaffii fi yaadni irratti ka’e mari’atamee booda sagalee irra caalaan ragga’eera

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply