Koree Teekinikaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Biyyaalessaatti, Ogeessi Tekinoolojii Obbo Tewodroos Kaasaahun lakkoofsi biqiltuu dhaabamuu karaa saayinsaawaa ta’een lakkaa’amaa akka jiru ibsaniiru.
Naannoleen karoora dhuunfaa isaanii irratti hundaa’uun bakki biqiltuun irra dhaabbatu kan kanaan dura irraan dhaabbatne tahuu adda baasuun akka kaartaan hojjatamuuf himaniiru.
Obbo Tewodroos yeroo dhaabbiin biqiltuu eegalamu tokkoon tokkoon bakka dhaabbiitti gabaastotni akka argaman eeruun adeemsa dhaabbii fi baay’ina biqiltuu dhaabame irratti gabaasa ni dhiheessu jedhan.
Lakkoofsi biqiltuu dhaabamee bal’ina lafaa kenname irratti hundaa’uun karaa saayinsaawaa ta’een kan shallagamu ta’uu fi lakkoofsi kun kan eegamee ol ykn gadi yoo ta’e tekinoolojichi akka hin fudhanne ibsaniiru.
Haaluma kanaan tekinooloojiin kun lakkoofsa biqiltuu dhaabamee mirkaneessuun gara giddu galeessaatti waan fiduuf waldhahuun akka hin jirra ogeessi kun mirkaneessaniiru.