Lammii Chaayinaa sababa iji isaa xixiqqoo taateef waaca keessummeessa jira

You are currently viewing Lammii Chaayinaa sababa iji isaa xixiqqoo taateef waaca keessummeessa jira

AMN PLUS- Waxabajjii 16/2017

Lammiin Chaayinaa Maqaan Isaa Lii Jedhamu nama umrii dargaggummaarra jiru yoo tahu konkolaataa elektirikaa bitate.

Konkolaataan Bitate Moodela ‘Xiaomi SU7 Max’ yoo tahu soofti weeriin konkolaatichaa baay’ee ammayyaa’aa tahuun sochii konkolaachiisichaa to’achuun akka balaa hin qaqqabsiisne yeroo yeroon akeekkachiisaa deema.

Dargaggeessi Chaayinaa maqaan isaa olitti eerame kun uumamaan iji isaa baay’ee xixiqqoo tahuun ammoo teeknoloojii konkolaatichaa waliin faallaa deeme.

Lii akkuma nama kamii yoo konkolaachiisu, konkolaataan isaa garuu karaa soofti weerii konkolaatichaaf hojjetame rafaa jirta, of-eeggannoo taasisi, lubbuu keefis tahe kan warreen biroof yaaduun sirra jiraataan irra deddeebiin akeekkachiisuun gabaafameera.

Ammoo abbaan konkolaatichaa iji isaa uumamaan xixiqqoo tahuun ala osoo konkolaachiisaa jiru rafees, hojii konkolaachiisummaa isaas dagatee waa biroo hojjetee akka hin beekne ibseera.

Haata’uuti dargaggeessa Chaayinaa rakkoon akkasii isa mudateef dhaabbatni konkolaaticha kalaqe gorfamus baatu sooftiweericha cufii ‘off’ taasisii fayyadami jechuun yaada fooyyaa’a dhiyeessuufii ‘oddity central’ gabaaseera.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply