Amerikaa bulchiinsa Teeksaasitti lukkuun ganna 14f jiraatte lukkuu umriin guddoo addunyaa jedhamuun galmee dinqisiisoo addunyaarratti galmoofte.
Soliyaanaa Hul guddistuu lukkuu kanaati. Perl jechuun ishee moggaateetti.
Maarree Soliyaanaan akka jettutti lukkuun kun bara faranjootaa 2011 gara addunyaa kanaatti dhufte.
Amma waggaa 14 erga fixxee turteetti. Galmeen Dinqisiisoo Addunyaas bara 2025tti, Perl lukkuu umriin jaarte ta’uu mirkaneeffadheera jechuun galmeesseeraan.
Lukkuuleen buphaa buusan giddugaleessaan umrii 6 hanga 8 qofa jiraatu. Perl garuu umrii dachaa jiraachuunishee adda taasiseeraani.
Dulloomaa gaafa deemtu hammi oomisha buphaa ishee xiqqaachaa deemuufi sosochiin ishees daangeffamuutu himame.
Umriin lukkuu maanguddoomte kanaa, ganna 14fi guyyaa 69 ta’uun riikordiii ta’ee galmaa’eera.
Kana dura lukkuun Peeneet jedhamtu umrii ganna 21’n rikardii kan qabdu yoo taatu, bara 2023tti erga duutee as Perl haadha riikardii haaraa taateetti jechuun UPI gabaaseera.
Isin birattihoo, lukkuu umrii ganna meeqa jiraatte qabdu? Kan Perl ka caalu yoo jiraate yaadaan nuuf eeraa.