Maanchestar Yunaayitid taphataa isaa Antoonii Riyaal Beetisitti gurguruuf waliigaleera.
Taphataan lammummaa Biraazil qabu kun bara dorgommii xumure keessaa baatii jaha ta’u Riyaal Beetis keessatti akka dabarse ni yaadatama.
Amma dhaabbiidhaan gara kilaba Ispeen kanaaatti imaleera. Jijjiirraa kanarraa Maan. Yunaayitid Yuuroo Miiliyoona 22fi kaffaltii dabalataa miiliyoons 3 akka argatu “The Athletics” gabaaseera.
Riyaal Beetis gara fuulduraatti yoo Antoonii kan gurguruuf ta’e bu’aa argame irraa dhibbantaa 50 qooduuf waliigaleera.
Maan. Yunaayitid bara faranjootaa 2023’tti Antoonii Paawundii Miiliyoona 82’n Oltiraafoorditti yoo fidu, taphataa gatii qaaliin bitame isa 2ffaa akka ture ni yaadatama.