Lammiin Chaayinaa maanguddoon ganna 60 hojii kalaqaan doonii galaana jala deemtu hojjechuun galgala keessa ijoo dubbii miidiyaalee idil addunyaa tahaniiru.
Maqaan isaanii Zhaangi Sheenguu kan jedhaman yoo tahu hojii qonnaan jireenya isaanii gaggeeffatu jedhameera.
Dooniin harka isaaniin kalaqamte deeggarsa teeknoloojii tokko malee kan hojjetamte yoo taatu ulfaatina 5000Kg qabaachuun galaana keessa 8m gadi fagaattee daqiiqaa 30 turuu akka dandeessuus ibsameera.
Maanguddoon ganna 60 galgala keessa hojii kalaqaa hojjetaniin milkaa’an kun ijoollummaa isaanirraa eegalanii mul’ata amma milkeessan kana qabaatanis garuu toora hinqabatiniif akka ture barruun ‘South China Morning Post’ gabaaseera.
Iddoosaa Abdiitiin