Maanguddoo jaarraa walakkaa oliif osoo arganii ‘hin argu’ jedhan

You are currently viewing Maanguddoo jaarraa walakkaa oliif osoo arganii ‘hin argu’ jedhan

AMN PLUS- Onkoloolessa 5/2018

Waggoota 50 caalaniif namootni kan isaan argan hunduu harka qabanii daandii ceesisaniiru. Akka konkolaataan isaan hin rukutne eeggannoo godhaniiruuf.

Kan waan qaban kennaniifis hin dhabaman. Yoo waanuma ta’aniif dhabanillee akkasumaan gaddaniifii hidhii xuuxanii kan darbanis jiru.

Dhuguma garaa nama nyaatu. Maanguddoon umuriin isaanii 70 ta’e kun waggoota 50 ta’aniif ija isaaniitti kishaafaa godhatanii, harka isaaniitti ulee adii kan daandii qajeelcuuf malu qabatanii yoo adeeman, garaa nama nyaachuu hin oolan.

Lammiin Xaaliyaanii maqaan isaanii hin ibsamne kun, ji’a ji’aan dhaabbata gargaarsaa magaalaa Vinseenzaa keessatti argamu irraa maallaqa fudhatu, isumaanis jireenya isaanii gaggeeffatu.

Imalli jireenyaa isaanii ulee adii daandii adda baastuun qajeelfamee, gargaarsa dhaabbatni gargaarsaa magaalichaa taasisu irratti bu’uureeffame.

Sababni qaroo isaanii itti dhaban ammo osoo hojii irra jiranii balaa cimaa isaan irra gaheen tahuu dhaabbata gargaarsaa kanatti gabaafameeti, maallaqni kan kaffalamaafii jiru.

Haa ta’u malee, dhaabbatni gargaarsaa waggoota 53 guutuu Yuuroo Miliyoona tokkoo ol tola-ooltummaan kennaafii ture, tibbana waa shakkeera. Kanaafuu, dhimmicha poolisiitti himee qorachiisuu barbaade.

Poolisiin ragaa qindeessuuf abukaattoo wajjin ta’ee maanguddoo kana hordofuu eegale. Hordoffiin kan jalqabe ammoo erga, hojjataan kaffaltii tokko, maallaqa yoo fudhatan, sochii shakkisiisu tokko taasisaniiti.

Poolisiin hordoffii isaa jabeesse, ragaaf ammoo hojjataan dhaabbata gargaarsaa faana jira.

Haalli itti biqiltuu kunuunsaniifi meeshaa garaa garaa fayyadamanii qulqullina naannoo isaanii eegan adda.

Hordoffiin itti fufe. Yoo magaalaa ba’an, jaarsi basha’anii, ulee adii isaanii ofirraa baasanii, kishaafaa isaanii gatanii saffisaan magaalaa keessa kaatu. Suuqii seenanii waa bitatu. Rakkoo tokko malees kaffalu. Ijni isaanii bareechee arga. Sochiin isaanii kun hundaa waraabameera. Dhaabbatni Gargaarsaa Arzinyaanyoo Mana murtii Viseenzaatti himata bane.

Yakki isaan ittiin himatamanis gocha waliin dhahuuti. Seera Xaaliyaanii gocha goyyomsaa dhorku irra daddarbuun maanguddoon waggoota 53’f osoo qaro dhabeessa hin ta’in qaro dhabeessa of fakkeessuun, maallaqa guddaa dhaabbata Arzinyaanyoo dhabsiise irraa faayidaa hunda kuteera.

Maallaqa waggoota shanan darban keessatti fudhatan Yuuroo Kuma 200 ta’u akka deebisan, manni murtichaa yoo murteessu, hidhaa bu’uu fi dhabuu isaanii ilaalchisee waan ‘Oddity Central’ jedhe hin qabu.

Gochootni goyyomsaa akkasii biyya keenya keessattis yeroo taasifaman waan mul’atuuf, hawaasni of eeggannoo taasisuun, kanneen deggersi dhugumaan isaan barbaachisuuf garuu aadaan gargaaruu hawaasaa aka itti fufu ni jajjabeeffama.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply