Maatiin daa’ima isaanii dhiisanii xiyyaaraan balali’uuf turan maaliif komataman?

You are currently viewing Maatiin daa’ima isaanii dhiisanii xiyyaaraan balali’uuf turan maaliif komataman?

‎AMN PLUS – Hagayya 18/2017 ALI

‎Har’a guyyaa boqonnaati. Mitiiree?

Gariin yeroo boqonnaa keessan magaalaa jiraattanirraa fagaachuun bakka bashannanaa deemuun aaragalfii keessan haala miidhagaa taheen dabarsuuf yaaduu dandeessu.

Silaa ijoollee qabaannaan, yeroo boqonnaa bareedaa dabarsuuf jecha tasumaa ijoollee keessan qofaatti dhiistanii waan deemtan nattin fakkaatu.

‎Akkuma carraa tahee yoo dagatame illee meeshaa wayiitu dagatama malee, daa’imni akkamiin dagatama?

‎Osoo boqonnaa fudhachuuf jettanii xiyyaaraan kan bakka biraa deemtan yoo ta’eefi, ijoollee keessan ykn daa’ima manaa qabattanii baatan buufata konkolaataa ykn xiyyaaraa keessatti dhiistanii yoo deemtan, maaltu isinitti dhaga’ama? Mee yaada irratti kennaa.

‎Dhimma kana waa malee hin kaasne. Toorri odeeffannoo Oddity Central jedhamu jidduu kana waan hordoftootaa isaaf barreesse qaba.

‎Abbaafi haati , Ispeen Baarseloonaa keessa jiraatan, biyya dhaloota isaanii Morookoo, Kaazaabilaankaatti yeroo boqonnaa isaanii dabarsuuf, daa’ima waggaa 10 fudhatanii gara buufata Xiyyaaraa EI Prat jedhamutti imalan.

‎Ulaagaa barbaachisu hundummaa guutanii, yeroo gara bakka balaliin itti geggeeffamuuf jirutti deeman garuu mucaan isaanii waggaa 10 isaan faana hin jiru.

‎Akkuma shaanxaa harkifamu qabatetti bakka namootni boqotanittu hafee jira.

‎Of duuba mil’achuu fhabuun cimdii kanaa kan nama ajaa’ibu yoo ta’u daa’imni akkuma dhaabbatetti hafe, waan ta’aa jiru isaaf hubatamuu dhabuun yaaddoo biraa ture.

‎Abbaafi haati isaa balaliif xiyyaara keessa seenanii taa’uurraa duubatti hin jenne. Yeroo kana daa’ima xiqqoo qarqara dhaabbatee akka boo’us ta’u, tasgabbiin irraa hin mul’anne, golee tokko keessatti kan argite To’attuun Balalii Xiyyaaraa Liliyaan Limaasin jedhamtu, itti siqxee isa gaafatte.

Maatiin isaa akka isa dhiisanii xiyyaaraan bashannanaaf gara Morookoo’tti balali’uuf jiran itti hime.

‎Erga isa tasgabbeessite booda ariitiin itti gaafatamaa isheetti bilbiluun haala kana hubachiifte. Sababaan isa dhiisanii deemaniif waan Viizaan daa’ima kanaa yeroon irra darbeef, isaan ammoo Bashannana kanarraa hafuun dandeenyeef, maatii keessaa namni tokko dhufee hanga isa fudhatutti, achuma haa turu jechuun yaadanii tahuun isaanii beekameera.

Haa ta’u malee, akkamumatti garaan isaanii danda’ee isa dhiisanii deeman kan jedhu, sammuu to’attuu Balalii Xiyyaaraa kana qabateera.

‎Gocha isaanii kanatti aaruun, mi’i isaanii xiyyaara irraa akka bu’u taasifamullee, namootni kunneen poolisiidhaan qabamuufi qabamuu dhabuu isaanii ilaalchisee odeeffannoon agarsiisu hin argamne.

‎Waan akkasii dhaga’uun baay’inaan beekamaa tahuu baatus, waggaa 7 dura bara 2018’tti buufata xiyyaaraa Barliin Stuutgart’tti cimdiiwwan daa’ima isaanii waggaa 5 irraanfatanii dhiisanii deeman dhimma ijoo miidiyaa hawaasaa tahee ture.

‎Dabalataan, dhiyeenya kana buufata Xiyyaaraa Newark Liberty New Jersey jedhamu keessatti daa’imni waggaa 2 tokko haadha isaa harkaa bahee, bakka mi’a imaltootaa ittiin geejjibsiifamuun harkifamuun isaa ni yaadatama.

‎Seenaan kun maatiin yeroo sagantaa garaa garaaf ijoollee isaa qabatee bahu, eeggannoo gochuun akka barbaachisu waan hubachiisu fakkaata. ‎Guyyaa Boqonnaa Gaarii!

Madda : New York Post fi Oddity Central

Kan Qindeesse: Malkaamuu Abbabaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply