Magaalaa Finfiinnetti abbootii qabeenyaa darbii gamoo garagadii dhaabbii konkolaataaf ooluu qabu tajaajila biraatiif oolchanii argaman kuma 1 fi 210 seera kabajanii akka hojjetan taasifamuun himame

You are currently viewing Magaalaa Finfiinnetti abbootii qabeenyaa darbii gamoo garagadii dhaabbii konkolaataaf ooluu qabu tajaajila biraatiif oolchanii argaman kuma 1 fi 210 seera kabajanii akka hojjetan taasifamuun himame

‎AMN PLUS- Adoolessa 16/2017

‎Magaalaa Finfiinnetti abbootii qabeenyaa darbii gamoo garagadii dhaabbii konkolaataaf ooluu qabu tajaajila biraatiif oolchanii argaman kuma 1 fi 210 seera kabajanii akka hojjetan taasifamuu Abbaan Taayitaa Manejimantii Tiraafikaa magaalaa Finfiinnee beeksiseera.

Magaalaa Finfinneetti gamoowwan yammuu ijaaraman darbiiwwan gamichaa keessaa darbiiwwan gara gadii jiran tajaajila dhaabbii konkolaataa yookiin tajaajila Paarkiingii akka kennan seeraan tumamee jira.

Abbootiin qabeenyaa tokko tokko garuu seera bahe cabsuun darbii gamoowwanii tajaajila dhaabbii konkolaataaf ooluu qabu tajaajila biraatiif wayita oolchan ni mul’ata.

‎Gamoowwan magaalattii keessa jiran keessaa warren seera kana darbanii argaman kuma 1fi 280 keessaa kumni 1 fi 210 seericha kabajanii akka hojjetan taasifamuudha abbaan Taayitichaa kan ibse.

‎Gamoowwan hedduun bakka tajaajila Paarkiingiif ooluu qabu irratti tajaajila kannen akka suuqii, kaaffee, manneen nyaataa fi faayidaa birootiif akka oolchanis himameera.

Konkolaattonni bakka dhaabbii dhabuurraa kan ka’e daandiirra dhaabachuun sochii tiraafikaarratti dhibbaa hordofsiisaa jiraachuus Hoji Raawwachisaa Itti Aanaan Abbaa Taayitaa Manejimantii Tiraafiikaa magaalaa Finfinnee Eliyaas Zargaa (Injiinar) himaniru.

‎Gamoowwan jalli isaanii tajaajila dhaabbi konkoolaataaf oolan kan hojitti hin galin bara dhufutti tajaajila akka eegalan ni taasifamas jedhaniru

‎Abbootii qabeenyaa darbii gamoo dhaabbii konkoolaataaf ooluu qabu tajaajila biraatiif oolchan 183 seeraan gaafatamuusaaniifi kanarraas birriin miliyoona 18 oli mootummaaf galii ta’uu dabalanii himaniiru.

Shimallis Taaddasaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply